![]() Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase (Bishingaa) 46.Godoo gamaa balballi ishee lama (Funyaan) 45.Ganama hiyyeessaa galgala dureessa (Mooraa loonii) 44.Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu (Boraatii) 43.Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii (dhagaa daakuu) 42.Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti (Mooyyee fi bolotaa) 41.Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata (Barbaree) 40.Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa (Boqqolloo) 39.Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu (Lukkuu kormaa) 38.Baala fakkaataa waaqarra kaata (Billaacha) 37.Sangaa gurraachi bosona keessa deema (injiraan) 36.Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a (ibidda) 34.Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba (Qilleensa) 33.Ani silaalaa ati waaqa ilaalta (eegee re’ee) 32.Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e (dabaaqula) 31.Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala (Gaafa re’ee) 30.Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu (Fardaafi kooraa) 29.Lafarra kaattii saree fakkaatti (Sardiidoo) 28.Ganama argee guyyaa dhabe (Fiixensa) 27.Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi (Hiddii) 26.Bifaan gurraattii amalaan giiftii (Eelee) 25.Hamma majii geessii biyya waliin geessi (Aduu) 24.Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu (Tafkii) 22.Gabaabaa qalbii dheeraa (Hindaaqqoo) 20.Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti (Majii) 19.Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu (Hindaaqqoo) 18.Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii (Doobbii) 17.Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa (Addeessa) 16.Osoon kolfuun gubadhe (Akaayii/Akaawwii) 15.Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu (ibidda) 14.Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu (Harma sa’aa) 13.Funyaan qabdii hin haxxifattu (Shumburaa) 12.Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti (kibriitii) 11.Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu (mixii) 10.Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte (gurra) 9.Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse (Jirbii) 8.Funyaan qabdii furrii hin baafattu (Baaqelaa) 7.Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti (ija) 6.Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdu (killee) 5.Abbaan bokkuu marmaratee rafe (Boqqoolloo) 4. ![]()
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. Archives
December 2022
Categories |